Waraana Baha Giddugaleessaa lubbuu lammiilee kuma 3 olii wareege
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC) – Ameerikaafi Israa’el waraana Iraan erga jalqabanii Baha Gidduugalaa keessatti lammiileen kumni 3 fi 492 wareegamaniiru.
Namoota wareegaman keessaa kumni 1 fi 574 namoota nagaa yoo ta’an 236 ammoo daa’imman ta’uu BBC’n gabaaseera.
Ministeerri fayyaa Libaanos namoonni kumni 1 fi 247 ajjeefaman keessaa 124 ijoollee ta’uu ibse.
Waraanni Guraandhala 28, eegale kun lubbuu Lammiilee Iraan kuma 1 fi 937 galaafachuun namoota kuma 24 fi 800 ol ammoo madeesseera.
Lammiileen Israa’eel 20 yoo ajjeefaman kumni 6 ol madaa’aniiru.
Dubartoonnii fi daa’imman caalmaatti waraanichaan miidhamuu AlJaziiraan gabaaseera.
Waraana kanaan qabeenyi biiliyoona hedduutti lakkaa’amu barbadaa’eera.
Diinagdeen addunyaas rakkoo olaanaaf saaxilameera.
#Oromia #Ethiopia