Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Dhimma Alaa Tajaajila mirkaneessa ragaa diijitaala eegale

Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC)- Ministeerri Dhimma Alaa teeknooloojii tajaajila mirkaneessa ragaa diijitaalaan kennuuf dandeessisu ifoomseera.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen wayita kanatti haasawa taasisaniin, hojimanni diijitaalaa ministeerichi eegalchiise Itiyoophiyaanotaa fi Dhalatoota Itiyoophiyaaf tajaajila saffisaa kennuuf kan dandeessisuudha jedhan.

Diijitaalayizeeshinii dhaabbatummaa dhugoomsuun tajaajila waraqaarraa bilisaa kennuu taโ€™uu eeruun, Itiyoo Teeleekoom waliin taโ€™uun tajaajila โ€™Tele signโ€ jedhamuu ifoomsuu dubbataniiru.

Tajaajilli mirkaneessa sanadootaa kun Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa, mallattoo dijitaalaa, fi mirkaneessa viidiyoo hubannoo namtolchee kan fayyadamu yoo taโ€™u, faayidaan hawaasummaa fi diinagdee isaa olaanaa taโ€™uu ibsaniiru.

Ministeerichi tajaajilicha eegaluu hordofee tajaajila mirkaneessa ragaa karaa Onlaayinii qofa kennuu eegaluu beeksiseera.

Hoji Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu gamasaaniin, tajaajilli mallattoonTeelee Diijitaala miiliyoonotaaf boqonnaa kan kennuudha jedhan.

Kunis rakkoolee damee tajaajilarratti mulโ€™atan furuun lammiilee fi dhaabbilee fayyadamoo taasisa jedhan.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.