Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi qooda fudhattoota Naannoo Tigraay waliin sagantaa ajandaa walitti qabuufi hirmaattota adda baasuu gaggeessuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC)- Komiishiniin Marii Biyyaalessaa qooda fudhattoota Naannoo Tigraay waliin sagantaa ajandaa walitti qabuufi hirmaattota adda baasuu gaggeessuu eegaleera.

Komiishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ara’ayaa wayita kana, Naannoon Tigraay adeemsa marii keessatti hirmaachuun rakkoolee biyyaalessaaf furmaata kaa’uuf qooda olaanaa qaba jedhan.

Naannoon Tigraay, akkuma naannoolee biyyattii biroo handhuura qaroominaa tahuu eeruun, waltajjiin kun dirree Obbolummaa, Waloomaafi waliin jireenyaa Uummattoota biyyattii kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Waltajjii guyyoota sadiif gaggeeffamu Kanaan bakka bu’oota Paartilee siyaasaafi dhaabbilee amantaalee dabalatee bakka buutonni dhaabbilee garaagaraa hirmaachaa jiru.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.