Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Iyyoob Takkaalliny Bulchaa Baankii Uummataa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny Bulchaa Baankii Uummataa Chaayinaa Poon Goongisheen waliin tumsa faayinaansii cimsuuf mari’ataniiru.

Dooktar Iyyoob Takkaalliny wayita kana adeemsa Itiyoophiyaan bu’uura hammattoo garee biyyoota 20’n idaa siqsiisuuf hojjechaa jirtu irratti ibsa kennaniiru.

Dabalataanis guddina diinagdee Itiyoophiyaa walitti fufiinsa qabu, hojiilee qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf hojjetaman fi tattaaffiiwwan kuufama sharafa alaa guddisuuf taasifaman ibsaniiru.

Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaafi maddeen galii biroo fayyadamuun akkasumas daldala alaa ijoo ta’an maallaqa Chaayinaa Yuwaaniin raawwachuun Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kuufama Yuwaanii Chaayinaa guddisuuf dandeettii qabaachuu eeraniiru.

Kunis naannawaa hojii intarpiraayizoota Chaayinaa Itiyoophiyaatti argamanii kan deeggaruufi yaa’iinsa invastimantii alaa hawwachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Poon Goongisheengi gama isaaniin, carraa dhaabbileen maallaqaa Itiyoophiyaa sirna kaffaltii baankii daangaa ce’aatti makamuu danda’an ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Dabalataanis sirna daldalaa saffisiisuu kan dandeessisu sirna kaffaltii Chaayinaa ‘Yuniyan Peey’ haala Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuun danda’amurratti ibsa kennan.

Marichaan qaamoleen lameen michummaa waggoota dheeraa fayyadamummaa waloo irratti hundaa’e cimsuuf waliigaluu Baankiin Biyyaalessaa Faanaa Diijitaalif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.