Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Taayyeen Kongiraasii Biyyaalessaa Chaayinaatti Hogganaa Ittaanaa Koree Dhaabbii waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasilalaseen jila Kongiraasii Biyyaalessaa Chaayinaatti Hogganaa Ittaanaa Koree Dhaabbii Wuu Wiihu’aaniin durfamu waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo gamlamee fi hundagaleessaa qaban caalmaatti cimsuuf akkaataa dandeesisuurratti mari’ataniiru.

Keessattuu hariiroo daldalaa fi Invastimantii Itiyoo- Chaayinaarratti xiyyeeffannoon mari’achuu ragaan Waajjira Pireezidaantichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.