Naannoon Amaaraa Sirreeffamtoota Seeraa kuma 1fi 224’f dhiifama godhe
Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Biiroon Haqaa Naannoo Amaaraa murtoo Mana Maree naannichaan Sirreeffamtoota kuma 1 fi 224’f dhiifama godheera.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Haqaa naannichaa Dooktar Ayyalew Abataa akka jedhanitti, Manni Maree naannichaa yaa’ii idilee 9ffaa marsaa 6ffaa waggaa 5ffaa gaggeesseen sirreeffamtootaaf dhiifamni akka taasifamuu murteesseera.
Murteen kun dhimmoota araarri barbaachisaadha jedhame amanee fi raawwii qajeelfama sirreeffamtootaa fi miidhamtootaaf beenyaa kaffalan ilaalacha keessa galchuun kan darbe ta’uu himan.
Murtoon kun sirreeffamtoota Dubartootaa fi Daa’mman irra miidhaa qaqqabsiisaniifi yakka cimaa irratti hirmaatanii murtoon umurii guutuu irratti darbe hin ilaallatu jedhan.
Sirreeffamtoonni dhiifamni taasifameef naamusa, ogummaa fi amanamummaa mana Sirreessaatti argatan hawaasa biratti mul’isuun lammii oomishaafi seera kabaju ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Dassaalanyi Biraarratu gabaase.
#Oromia #Ethiopia