Itiyoo Teeleekoom magaalaa Adaamaatti buufata Chaarjessa Konkolaataa Elektirikaa hojii eegalchiise
Itiyoo Teeleekoom magaalaa Adaamaatti buufata Chaarjessa Konkolaataa Elektirikaa hojii eegalchiise
Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) -Itiyoo Teeleekoom yeroo jalqabaaf Finfinneen alatti buufata Chaarjessa Konkolaataa Elektirikaa magaalaa Adaamaatti hojii eegalchiiseera.
Buufatichi yeroo tokkotti konkolaattota 12 Chaarjessuu danda’a jedhan Hojii Raawwachiiftuun Itiyoo Teeleekoom Aadde Firihiwaat Taammiruun.
Dhaabbatichi Finfinneetti buufataalee 3 qabaachuu eeruun, inni Adaamaa 4ffaa ta’uu ibsan.
Buufataaleen Finfinnee Konkolaattoota kuma 200 fi kuma 84 inarjii Kiiloowaatii miiliyoona 7.1 fayyachiisuu danda’a jedhame.
Gadi lakkifama Kaarbanii Kiiloo Giraam miiliyoona 10 hambisuun akka danda’u eeran.
Masaafinti Iyyaayyuutiin
#Oromia #Ethiopia