Iraanifi Ameerikaan waahila balaliisaa Jettii Waraanaa argachuuf walmorkaa jiru…
Finfinnee, Bitootessa 26, 2018 (FMC) -Iraanii fi Ameerikaan waahila balaliisaa Jettii Waraanaa Ameerikaa F- 15 jedhamu Iraan kaleessa kuffiste argachuuf walmorkaa jiraachuun ibsameera.
Jettiin Waraanaa Ameerikaa F- 15 jedhamu guyyaa kaleeessaa waraana Iraaniin rukutame kufuun ni yaadatama.
Waraanni Ameerikaa waahila balaliisaa Jeettichaa wajjjin ture hanga ammaatti essa akka jiru hin beekamne jechuun ibseera.
Haaluma kanaan balaliisaa jeettichaa argachuuf humnonni Ameerikaa barbaacha isaanii cimsanii itti fufuun eerameera.
Humnoonni Iraan gamasaaniin, waahila balaliisichaa argachuuf naannawichatti barbaachaa olaanaa taasisaa jiraachuun ibsameera.
Aanga’oonni Iraan lammiilee naannawaa Jeettichi kufe jiraatan waahila balaliisichaa akka barbaadan waamicha dhiyeesseera.
Lammii waahila balaliisaa Jeettichaa kana argeef badhaasni maallaqaa kan kennamuuf ta’uu ifoomsuu Miidiyaa biyyattii waabii godhachuun BBC’n gabaaseera.
Malaakuu Gaddifiin.