Imalli Finfinnee miidhagduufi jireenyaaf mijooftuu taasisuu cimee itti fufa- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Bitootessa 26, 2018(FMC)- Imalli Finfinnee miidhagduufi jireenyaaf mijooftuu taasisuu cimee itti fufa jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi atileetonni argamanitti Paarkii Ispoortii Addis eebbisuun tajaajilaaf banuu ibsan.
Paarkichi giddugala guddaa gosoota Ispoortii hunda hammate, dhaloonni qaamaafi haamileen fayyaalessa ta’eefi Itiyoophiyaa egeree ijaaru kan itti ijaaramu ta’uu eeran.
Paarkiin kun agarsiistuu cichoomina, misoomaafi badhaadhina keenyaati kan jedha aadde Adaanech Abeebeen imalli Finfinnee miidhagduufi jireenyaaf mijattuu taasisuu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.