Fana: At a Speed of Life!

Ramaddiin Tapha Walakkaa Xumura Waancaa FA Ifoome

Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC)- Ramaddiin tapha walakkaa xumuraa Waancaa FA Ingilaandi ifoomeera.

Haaluma kanaan, gara xumuraatti darbuuf Maanchiister Siitiin Saawuzaampitan waliin, akkasumas Cheelsiin Liidsi Yuunaayitid waliin kan morkatan ta’a.

Taphoota nuusa xumuraa kaleessa gaggeeffamaniin Maanchiister Siitiin Liivarpuul 4-0, Cheelsiin Poorti Veel 7-0, akkasumas Saawuzaampitan Arsenaal 2-1n mo’achuun walakkaa xumuratti darbuun isaanii ni yaadatama.

Tapha nuusa xumuraa kan dhumaa har’a gaggeeffameen, Liidsi Yuunaayitid Weesti Haam Yuunaayitidiin rukkuttaa gooliin injifachuun walakkaa xumuraatti dabalameera.

Taphoonni walakkaa xumura Waancaa FA kun guyyoota 20 booda Istaadiyeemii Weembileyitti kan gaggeeffaman ta’a.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.