Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitooteessa 28, 2018 (FMC)- Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Magaalaa Boongaatti hiriirri milkaa’inoota mootummaa jijjiiramaan argaman deeggaru gaggeeffamaa jira.

Pireezidaantii Naannichaa Dooktar Nagaash Wageeshoo dabalatee Jiraattoonni magaalaa Boongaa fi naannawaa ishee bakka argamanitti haala ho’aa ta’een gaggeeffamaa jira.

Hiriirtoonni kunneen dhaadannoowwan adda addaa Bitootessa 24 leellisan dhageessisaa jiru.

Hiriirchaan agarsiifni gugsii Fardaa fi sosochiiwwan Ispoortii adda addaa dhiyaachaa jiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.