Itiyoophiyaan fayyadamummaa waloo fi tasgabbii naannawichaaf Kuwaatar waliin hojjechuu itti fufti- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Bitootessa 28, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan fayyadamummaa waloo ummataa fi tasgabbii naannawichaaf Kuwaatar waliin hojjechuu murannoon itti fufti jedhan Sadarkaa Minstira Muummee Ittaanaatti Hogganaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kuwaatar Sa’iid Mubaarak Al Naayim waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, hariiroo tarsimawaa biyyoota lameenii caalmaatti cimsuun akkaataa danda’amuu fi tumsa dameelee garaagaraan jiru babal’isuurratti mari’ataniiru.
Obbo Adam Faaraah hojilee hoggansummaa paartii badhaadhinaan hojjetamanii fi bu’aalee argaman irratti ibsa taasisaniiru.
Keessattuu jijjiirama biyyaalessaa hordofee hojiilee misoomaa akka Misooma Koriidarii, oomishtummaa qonnaa dabaluu fi sagantaan Ashaaraa Magariisaa badhaadhinaa Itiyoophiyaa milkeessuu keessatti gahee qabaachuu kaasaniiru.
Ambaasaaddarichi gamasaaniin, Itiyoophiyaatti dameelee garaagaraan bu’aaleen galmaa’aa jiran kan jajjabeeffaman ta’uu eeruun ,keesattuu fooyyeessi diinagdee gooroo hojiirra oolchuun biyyattiitti carraaleen mijataan heddu uumamuu kaasaniiru.
Kaawunsiliin Shuraa Kuwaatar Paartii Badaadhinaa fi Mana Maree Fedeereeshinii waliin hariiroo qabu caalmaatti cimsuun akkaataa danda’amurratti mari’achuunis eerameera.
#Oromia #Ethiopia