Waggaa 8ffaa jijjiirama biyyaalessaa Sababeeffachuun Naannoo kibba Ittiyoophiyaatti hiriirri deeggarsaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Naannoo Kibba Ittiyoophiyaatti waggaa 8ffaa jijjiiramni biyyaalessaa itti mirkanaa’e sababeeffachuun, magaalota adda addaa keessatti hiriirri deeggarsaa uummataa gaggeeffamaa jira.
Hiriirri deeggarsaa kun magaalota Walaayitaa Sooddoo, Arbaa Minci fi Saawulaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, ergaawwan milkaa’ina mootummaa jijjiiramaatiin galmaa’an ibsan dabarfamaa jiru.
Ergaawwan hiriirtotaan dabarfamaa jiran keessaa: “Gootummaan keenya inni itti aanu bilisummaa dinagdee keenya, aangoo afaan qawween dhuunfachuuf yaaduun barri isaa darbeera, Bitootessi 24 – Guyyaa dhaloota lammataa Ittiyoophiyaa fi boqonnaa mo’ichaa” kanneen jedhan keessatti argamu.
Ibraahiim Baadiitu gabaase
#Oromia #Ethiopia