Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Qoonjit Sinagiyoorgis addunyaa kanarraa du’aan boqotan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Ambaasaaddar Qoonjit Sinagiyoorgis addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Ambaasaaddar Qoonjit dhibee isaan mudateen wal’aanamaa turaniiru.

Ambaasaaddarittiin Ministeera Dhimma Alaatti bara 1950moota irraa eegalee sadarkaa oofiisarummaa hanga hoggansa olaanaatti tajaajilaniiru.

Ambaasaaddarri Qoonjit miisiyoonniwwan Itiyoophiyaa Ootowaa, Kaayiroo, Teel Aviiv fi Veeyinaatti argamanitti Ambaasaaddara Guutuu ta’uun tajaajilanii kan turan yoo ta’u Gamtaa Afrikaafi Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Diinagdee Afrikaattis Ergamaa Dhaabbii ta’uun hojjetaniiru.

Waxabajjii 2009 hanga Fulbaana 2011’tti ammoo waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaa IGAD’n hogganame irratti gorsituu addaa ta’uun tajaajiluu ragaan Ministeera Dhimma Alaa ni mul’isa.

Ministeerichi, du’aan boqochuu Ambaasaaddar Qoonjit Sinagiyoorgisitti gaddi itti dhagahamuu ibsuun maatiifi firoottaniif jajjabina hawweera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.