Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyiif maaddii qoodan
Finfinnee, Bitootessa 30, 2018 (FMC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee wayita Ayyaanaa qofa osoo hin taane yeroo garaagaraatti namoota deeggarsa barbaadaniif deeggarsa gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Ayyaanaan walqabatee rakkoon dhiyeessii akka hin mudanneef hojii bal’aan hojjetamaa tureeras jedhan.
Kana malees oomishaalee irratti daballiin gatii akka hin uumamneef Bulchiinsi Magaalichaa hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Abbootii qabeenyaafi dhaabbilee deeggarsa taasisanis galateeffataniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia