Oromiyaatti Ayyaana Sooma Hiikaaf meeshaaleen bu’uuraa gahaan dhiyaachaa jiru- Biiricha
Finfinnee, Bitootessa 30, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Ayyaana Sooma Hiikaaf meeshaaleen bu’uuraa gahaan dhiyaachaa jiru jedhe Biiroon Daldalaa Naannichaa.
Biirichatti Daayrektarri Misooma Gabaa Geetuu Tamasgeen, Ayyaanichaan walqabatee hanqinni meeshaalee bu’uuraa akka hin mudanneef koreen hundaa’ee qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan hojjetamuu ibsan.
Haaluma Kanaan gabaa idilee dabalataan baazaariifi egzibiishiniin akkasumas gabaa Sanbataafi Dilbataan oomishaaleen bu’uuraa gatii madaalawaan dhiyaachaa jiru jedhan.
Horii dhaabbii fi bushaayee dabalatee beelladoonni kumni 600 ol gabaaf dhiyaachaa akka jiran eeraniiru.
Lukkuuwwan miiliyoonni 3 fi kumni 600 oliifi hanqaaquu gahaan hawaasa bira akka gahan taasifamuus ibsaniiru.
Dabalataanis kuduraafi muduraan, zayitni, sukkaarrii fi meeshaaleen bu’uuraa biroon gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyaachaa jiru jedhan.
Hawaasni ayyaanichaaf oomishni gahaan jiraachuu hubatee haala tasgabbii qabuun akka bitatu hubachiisuun, daldaltoonni daballii gatii hin malle gochuurraa akka of qusatan hubachiisaniiru.
Daldaltoota sababa malee oomishaalee irratti daballii gatii taasisan irratti hordoffii cimaan akka taasifamus dubbataniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia