Daandii Qilleensaa waggaan imaltoota miiliyoona 20 ol imalchiisaa jiru…
Finfinnee, Bitootessa 30, 2018(FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaan imaltoota miiliyoona 20 ol imalchiisaa jira jedhan hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa obbo Masfin Xaasew.
Dhaabbatichi xiyaaroota ammayyaa 150 ol qabaachuu eeruun, dhaabbata rakkoolee fi qormaatilee hunda dandamachuun waggoota 80 dabarse ta’uu dubbatan.
Obbo Masfin Xaasew guyyaa hundaaffama Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 80ffaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Dhaabbaticha sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa olaanaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa biyya alaatti bakkeewwan ga’umsaa 145 fi biyya keessaatti ammoo 23 qabaachuu himan.
Xiyaarota ammayyaa 150 oliin waggaan imaltoota miiliyoona 20 ol imalchiisaa akka jiru dubbatan.
Bara Faranjootaa 2040tti ammoo bakkeewwan ga’umsaa 243, Xiyyaaroota ammaayyaa 350, dandeetti fe’umsaa Toonii kuma 800 fi kuma 50 irra gara Toonii miiliyoona 1.2tti, imaltoota miiliyoona 60 imalchiisuun galii isaa Doolaara biiliyoona 30 qaqqabsiisuuf kan hojjetu ta’uu dubbatan.
Guyyaan hundeeffama isaa waggaa 80ffaan sagantaalee garaagaraan torbeewwan itti aanan 6’f kan kabajamu ta’uu eeran.
Zaman Bayyanaatiin
#Oromia #Ethiopia