Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin nageenya biyyaaleessaa 7ffaan Magaalaa Asoosaatti gaggeeffama

Finfinnee, Bitootessa 30, 2018(FMC) – Yaa’iin nageenya biyyaaleessaa 7ffaan Magaalaa Asoosaatti gaggeeffama jedhe Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa.

Yaa’ichi mata duree ‘Amantaan tokkummaa fi walummaaf’ jedhuun Ebla 7 – 8, 2018 kan gaggeeffamu ta’uu Barreessaan waliigalaa yaa’ichaa Liiqa Tiguhaan Lubni Taagaay Taaddalaan ibsa kennaniin himaniiru.

Sagantichi adda durummaan nagaa biyyattii eeguu fi abbootiin amantaa fi jaarsoliin hojiiwwan nagaa fakkeenyummaa qabu akka raawwatan jajjabeessuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ichaan dhimmoota tokkummaa sabdaneessummaa caalmaatti cimsuuf dandeessisanirratti bal’inaan kan mari’atamu jedhan.

Amalawarqi Makuwaaniintiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.