Fana: At a Speed of Life!

Mariin Iraanii fi Ameerikaa jaarsummaa Paakistaaniin eegalame

Finfinnee, Ebla 3, 2018(FMC) –Mariin Ameerikaa fi Iraan Paakistaan kallattiin keessatti hirmaattu eegalamuu gabaafame.

Wayita mariin eegalame kanatti Pireezidnatiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ammoo Iraan ”guddoo mo’atamte” jechuun barreessan.

Ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin barreessaniin miidiyaaleen Iraan waraana kanarra aante jedhanii gabaasuu jaalatu dhugaan jiru garuu ni mo’ataman, guddoo mo’ataman” jedhan.

Mariin nageenyaa kallattiin Hoggantoota olaanoo Teriraanii fi Waashingitan gidduutti eegalamuu BBC fi CNN’n gabaasaniiru.

Marii abdii olaanaa qabuu fi addunyaa caalmaatti afuura baafachiisuun eegama.

Biyyoonni lamaan ajandaalee 5 irratti kan mari’atan ta’uu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.