Mariin Nageenyaa Ameerikaa fi Iraan Gidduutti Adeemsifamaa Ture Waliigaltee Malee Xumurame
Finfinnee, Ebla 4, 2018 (FMC) – Mariin Nageenyaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti adeemsifamaa turee fi addunyaan xiyyeeffannoo guddaadhaan eegaa ture waliigaltee malee xumurameera.
Miriin kun milkaa’ina malee xumuramuu isaa Itti-aanaan Pirezidaantii Ameerikaa JD Vaansi beeksisaniiru.
‘Fox News’ akka gabaasetti, Iraan qabxiiwwan marii Ameerikaan dhiyeessite fudhatama dhowwatteetti.
Mariin biyyoota lamaan gidduutti adeemsifamaa turee fi addunyaan hawwiidhaan eegaa ture kun, gidduu-seentummaa Paakistaaniin magaalaa Islaamaabaad keessatti kan gaggeeffame ture.
#Oromia #Ethiopia