Fana: At a Speed of Life!

Maanchister Siitiin garaagarummaa qabxii Arsenaal waliin qabu gadi buusuuf taphata

Finfinnee, Ebla 4, 2018(FBC) – Sagantaa tapha Piriimiyar Liigii Ingilaandi torbee 32ffaan galgala sa’aatii 12:30 irratti Cheelsiin dirree isaa Istaafoordi Biriij irratti Maanchister Siitii keessummeessa.

Liigichaan qabxiilee 61 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaa irratti kan argamu Maanchister Siitiin garaagarummaa qabxii dursaa liigichaa Arsenaal waliin qabu gara 6tti gadi buusuuf dirree seena.

Dorgommiiwwan liigichaa darban lamaan walitti fufee qixa kan ba’e Siitiin gara injifachuutti deebi’uuf morkii cimaatu isa eeggata.

Hirmaannaa Liigii Chaampiyeensii kabajchiifachuuf tattaafqchaa kan jiru Cheelsiin ammoo morkii guddaan akka isa eeggatu ni beekama.

Cheelsiin taphoota qqbxi-maleeyyii walitti aanoo darban lamaan booda deggertoota isaa duratti injifachuuf dirree seena.

Taphoota Liigicha kanneen biroon Nootingaam Foorasti – Astoonviilaa, Sandarlaandi – Tootanihaam Hootispar, akkasumas Kiristaal Paalaas – Niwuukaasil Yunaayitid yeroo wal-fakkaataa sa’aatii 10 irratti waliin taphatu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.