Darbiin Oromiyaa qixaan xumurame
Finfinnee, Ebla 5, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 27ffaan morkiin kilaboota Oromiyaa lamaan gidduutti gaggeeffame qixaan xumurameera.
Taphni har’a sa’aatii 7:00 eegalee Shaggarii fi Nageellee Arsii gidduutti taphatame galchii 1 qixa xumurameera.
Tapha kaardiin akeekkachiisaa hedduun itti kenname kanaan Kabbee Buzuneen daqiiqaa 60ffaa irratti Nageellee Arsiif galchii tokko yoo galchu, Yooseef Taarraqanyi daqiiqaa 64ffaa irratti galchii qixxeesituu Shaggariif galcheera.
Taphoota hanga ammaatti taphatameen Bunni Sidaamaa qabxii 48’n liigicha yoo dursu, Nageellee Arsiin qabxii 43’n sadarkaa 2ffaa fi Hawaasan qabxii 41’n sadarkaa 3ffaarra jiru.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia