Ameerikaan dooniiwwan gara ulaa Hormuuz seenanii fi ba’an dhorkuu jalqabde
Finfinnee, Eebila 5, 2018 (FMC) – Ameerikaan imala galaanarraa gara buufataalee doonii Iraanitti imalamu dhorkuu jalqabuu beeksisteetti.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi dooniiwwan gara buufataalee doonii Iraan seenan ykn ba’an irratti har’a dhorkii akka kaa’an beeksisuun isaanii ni yaadatama.
Haaluma kanaan, Ameerikaan imala galaanarraa gara buufataalee Iraanitti ykn buufataalee Iraan irraa gara bakkeewwan birootti imalamu addaan kutuu jalqabuu ishee CNN gabaaseera.
Dhorkiin kun kan darbe, Ameerikaa fi Iraan waraana Baha Giddu-galeessaa dhaabuuf Paakiistaan keessatti mariin nagaa fuulaa fi fuulatti geggeessan waliigaltee malee xumuramuu hordofeeti.
Dhorkiin kun Iraan irratti dhiibbaa uumuun, Ulaa Hormuuz kan sarara darbiinsa boba’aa addunyaa murteessaa ta’e akka bantu dhiibbaa uumuu kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Waraanni Ameerikaa dooniiwwan dhorkii kana darbuun Ulaa Hormuz keessaan gara buufataalee Iraanitti socho’an irratti tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiiseera.
Kanaan walqabatee, yeroo ammaa kanatti dooniiwwan waraanaa sadii kan xiyyaara baatu dabalatee naannoo galoo galaana Omaanitti akka bobba’an ibsameera.
Gama biraatiin, waraanni Iraan dooniiwwan buufataalee biyyattii keessa socho’an irratti weerarri raawwatamu kamiyyuu naannicha rakkoo guddaa keessa galchuu akka danda’u akeekkachiiseera.
Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwan diinota Teeraan ykn michuuwwa isaanii socho’uu akka hin dandandeenye beeksiseera.
Af-yaa’iin Paarlaamaa Iraan Mohaammad Baagaar Gaalibiif kanaan dura akka jedhanitti, Teeraan sodaachisaa fi doorsisa Ameerikaan yeroo yeroon dabarsituuf harka hin kennitu.
Ameerikaan sochii gara buufataalee Iraanitti taasifamu dhorkuu jalqabuun ishees, naannoo Baha Giddu-Galeessaa kan yeroo ammaa yaaddoo keessa jiru caalaatti hammeessuu akka danda’u gabaasichaan ibsameera.
Waldhabdee Waashingitan fi Teeraan ulaa Hormuz irratti uuman hordofee, gatiin boba’aa addunyaa barmeelli tokko deebi’ee gara doolaara 100 olitti guddateera.
Haaluma kanaan, Israa’eel Ulaan Hormuuz Ameerikaan cufamuu yoo deggertu, Yuunaayitid Kingidam garuu dhorkaa kana mormiteetti.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia