Fana: At a Speed of Life!

Tapha Baayarn Muuniik fi Riyaal Maadriid…

Finfinnee, Ebla 7, 2018 (FMC) – Tapha deebii nuusa xumuraa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Baayarn Muuniik fi Riyaal Maadriid Aliyaanz Areenaa irratti wal morkatu.

Tapha marsaa jalqabaa gareewwan lameen Istaadiyeemii Saantiyaagoo Beernaabootti taphataniin Baayarn Muuniik galchii 2 fi 1’n injifachuun kan yaadatamudha.

Gareewwan lameen taphoota shanan darban waliin taphataniin Baayarn Muuniik taphoota 2 yoo injifatu Riyaal Maadriid tapha tokko injifachuun taphoota lama ammoo qixa bahe.

Sa’aatuma walfakkaatutti Arsenaal dirree isaa Iimreetisitti kilaba Poorchugaal Ispoortiingi Liizban keessummeessa.

Tapha marsaa jalqabaan Arsenaal gara Poorchugaalitti imaluun galchii Kaay Haavartaz lakkoofsise 1 fi 0’n injifachuun kan yaadatamudha.

Gareewwan lameen taphoota shanan darban waliin taphataniin Arsenaal taphoota lama yoo injifatu sadii qixa baheera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.