Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Libaanos fi Israa’el nagaa buusuuf waliin ni mari’atu – Doonaaldi Tiraampi

Finfinnee, Ebla 8, 2018(FMC)- Preezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi, hoggantoonni Libaanos fi Israa’el waggoota soddoma booda yeroo jalqabaaf Kamisa har’aa marii akka gaggeessan dubbataniiru.

Tiraampi Roobii kaleessaa galgala miidiyaa hawaasummaa isaanii ‘Truth’ irratti ergaa maxxansaniin, “Israa’el fi Libaanos gidduutti yeroo boqonnaa xiqqoo uumuuf yaalamaa jira. Erga hoggantoonni biyyoota lameenii wal dubbisanii yeroo dheeraa, gara waggaa 34 ta’eera. Kun bor ni ta’a. Gaariidha!…” jechuun barreessaniiru.

Kun kan himame erga biyyoonni lameen walitti bu’iinsa Israa’el fi garee Hizbollaah gidduu jiru dhaabuuf torban kana keessa marii dippiloomaasii gaggeessanii boodadha.

Gama biraatiin Waayit Haawus, wayita dooniiwwan buufatawwan Iraan seenan yookaan ba’an hundi dhorkii Ameerikaan irratti uumte jala jiranitti, Ameerikaan Iraan waliin marii “bu’a qabeessa fi itti fufiinsa qabu” irratti “hirmaachaa” jirti jedheera.

Waayit Haawus gabaasa Ameerikaan waliigaltee dhukaasaa dhaabuu torban lamaaf turu Iraan waliin taasifame dheeressuuf gaaffii ragaa qabu dhiyeessiteetti jedhu fudhatama dhabsiisus, Ameerikaan abdii waliigaltee irra ga’amuun “miira gaariitu” itti dhaga’ama, garuu guyyaan marii dabalataa itti gaggeeffamu hin murtoofne jechuun barreessituun pireesii Kaarolaayin Leeviit barreessitetti.

Gama biraatiin, gareen Paakistaan — kan marii Ameerikaa fi Iraan gidduutti jaarsummaan tajaajilaa jiru — marii dabalataaf biyya Iraan Teeraan ga’aniiru.

Dhorkiin Ameerikaan dooniiwwan buufatawwan bishaan Iraan seenan yookaan ba’an irratti uumte kan Waayit Haawus “guutummaatti hojiirra ooleera” jedhe, hamma yoomiitti akka turu garuu waan beekamu hin jiru.

BBC’n akka mirkaneessettis dooniiwwan naannichatti argaman tokko tokko bakka jiran dhoksuuf jecha meeshaalee hordoffii (trackers) isaanii dhaamsaa yookaan mallattoo hordoffii sobaa (spoofing) fayyadamaa jiru.

Doonaaldi Tiraampi Isiraa’elii fi Libaanos har’a akka mari’atan yoo ibsanis, Lolli Libaanos keessatti Israa’el fi Hizbollaah gidduutti gaggeeffamu itti fufee jira.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ameerikaa fi Iraan gidduutti torban lamaaf mallatteeffamee tures Libaanosiin hin dabalatu taanaan fudhatama akka hin qabne teeraan dubbachuu irraa hin callisne.

Ejjennoon Isiraa’el garuu akkuma itti fufetti jiraachuu hoggantoonni ishee ibsaa jiru.

Ajajaan Raayyaa ittisa Israa’el Eeyal Zaamiir, naannoon kibba Libaanos Laga Litaanii gadi jiru hundi garee Hizbollaahiif “bakka ajjeechaa” ta’uu ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Israa’el Benjaamiin Nataaniyaahuu gama isaaniin, biyyi isaanii waraana kanaan walqabatee “haala dhufe hundaaf qophii” ta’uu dubbachuun, galmi Israa’el kan Ameerikaa waliin walsimaa akka jiru dabalanii hubachiisaniiru.

Gama Iraaniin ammoo, Dubbi-himaan Paarlaamaa biyyattii Baagira Gaalibaaf, Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Libaanos dabalatu kabajuu qabdi” jechuun hubachiisaniiru.

Fuula tiwiiteraa(X) isaanii irratti ergaa maxxansaniin, dhukaasni guutuun Libaanos keessatti akka dhaabbatu kan taasisu “qabsoo jabaa” garee Hizbollaah ta’uus cimsanii kaasaniiru.

“Ameerikaan dogoggora ‘Dura Israa’eliif’ jedhu irraa of qusachuu qabdi,” jechuun akeekkachiisaniru.

Libaanos gama isheen dubbii maree nagaa Doonaaldi Tiraampi kaleessa dubbatan kana soba jechuun fudhatama dhabsiisteetti.

Egaa, wal-argaan aanga’oota Isiraa’elii fi Libaanos kun dhugoomee, nagaan jedhame sun ni dhufaa? Mareen Ameerikaa fi Iraan hoo maal ta’a laata? Bubbullee ilaalla.
Gurri aaga nu haa dhaga’u.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.