Ulaan Hormuuz dooniiwwan daldalaa hundaaf baname
Finfinnee, Ebla 9, 2018 (FMC)- Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Libaanos gidduutti taasifame hordofee Ulaan Hormuuz dooniiwwan daldalaa hundaaf banamuu Iraan beeksisteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Aragaachii akka dubbatanitti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu hanga hojiirra oolaa jirutti dooniin daldalaa kamuu ulaa Hormuuziin darbuu danda’a.
Iraan sarara murteessaa bob’aan irra darbu kana banuu hordofee gatiin boba’aa %11’n gadi bu’uu NBC’n gabaaseera.
Isiraa’elii fi Libaanos jaarsummaa Ameerikaan guyyaa 10’f dhukaasa dhaabuuf waliigaluun isaanii ni beekama.
Isiraa’el, Qmeerikaa fi Iraan gidduutti waliigaltee dhukaasa dhaabuu warawaa irra ga’uuf mari’atamaa akka jirus himameera.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa barreessaniin, Iraan ulaa Hormuuz guutummaatti banuu ishee ibsanii, murtii kanaaf galata dhiyeessaniiru.
Mikiyaas Ayyalaan
#Oromia #Ethiopia