Kooriyaan Kaabaa miisaa’eloota baalaastikii fageenya gabaabaa furguggifte
Finfinnee, Ebla 11, 2018 (FMC) – Kooriyaan Kaabaa guyyaa har’aa miisaa’eloota baalaastikii fageenya gabaabaa hedduu gara Galaana Bahaatti furguggifte.
Yaa’iin miisaa’elaa biyyattiin guyyaa har’aa gaggeessite bara faranjootaa 2026 asitti yeroo 7ffaaf yoo ta’u baatii kana keessa ammoo si’a 4ffaafi.
Misaa’eloonni fageenya gabaabaa naannoo Siinfoo jedhamu irraa furguggifaman kunneen kiiloomeetira 140 imaluu ibsameera.
Raayyaan Ittisaa Kooriyaa Kibbaa miisaa’eloota baalaastikii Kooriyaan Kaabaa yeroo yeroon furguggiftu itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru beeksiseera.
Tuttuqqaa Piyoongiyaang kamiifuu tarkaanfii deebii kennuufi qophii ta’uus eereera.
Ministeerri Ittisaa Jaappaan miisaa’eloonni guyyaa har’aa Kooriyaan Kaabaa furguggifte miidhaa osoo hin qaqqabsiisiin dhiyeenya zoonii diinagdee biyyattiitti kufuu ibsuu isaa Anaadooluun gabaaseera.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia