Dhaabbatichi sirna kaffaltii isaa diijitaalessuufi
Finfinnee, Ebla 12, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Tajaajila Awutoobisii Magaalaa Finfinnee sirna kaffaltii isaa guutummaatti diijitaalessuufi jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Akaaluu Asaffaan.
Sirni hordoffii fi bobbii dhaabbatichaa teknooloojiin kan deeggarame ta’us sirni kaffaltii isaa waraqaan akka ta’e hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.
Sirni kaffaltiisaa teeknooloojii ‘E- Ticketing’ akka deeggaramuuf qindoomina mootummaafi dhuunfaan hojjetamaa jira jedhan.
Sirni kaffatii kunis ‘Smart Card, QR Code’, Tele Birrii akkasumas baankota hundaan akka raawwatamu eeraniiru.
Hojiin yaalii ‘E-Ticketing’ jalqabamuufi hojiilee hedduun xumuramuu ibsaniiru.
Masaafint Iyyaayyuun.
#Oromia #Ethiopia