Hojiileen Haaromsaa Naannoo Tigraayitti hojjetamaa jiran nageenyaa fi misoomaaf bu’uura – Ambaasaaddaroota
Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC) – Naannoo Tigraayitti hidhattoota duraanii deebisaanii dhaabuuf adeemsi hojii Haaromsaa hojjetamaa jiru nageenyaa fi misooma diinagdeef bu’uura jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddaroonni Deenmaarkii fi Siwiidin.
Ambaasaaddaroonni kunneen adeemsa haaromsaa naannichatti argamu daawwataniiru.
Tajaajilootaa giddugala haaromsaatti kennamaa jiran daawwachuun hidhattoota duraanii waliin mari’ataniiru.
Naannichatti misooma diinagdee eegalchiisuuf nageenyi dhimma dursa argachuu qabu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark Suunee Kiroogistiruup ibsaniiru.
Hidhattoonni daandii nageenyaa filachuun hawaasatti makamuuf murteessuun isaanii carraa naannichaa gara fuulduraaf akkaan murteessaa ta’uu dubbatan.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Siwiidin Maagnuus Leenaartisan gama isaaniin, hojiileen giddugalichatti hojjetamaa jiran dinqisiisoo ta’uu himan.
Siwiidin adeemsa haaromsaa guutuu Itiyoophiyaatti gaggeeffamuuf michuu yeroo dheeraa ta’uu isheen kan boonan akka ta’e dubbachuun, biyyi isaanii hojiilee naannicha waaraan ijaaruuf hojjetamu kan tumsitu ta’uu mirkaneessuu ENA’n gabaaseera.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa