Arseenaal Dursummaa Liigichaa deebifachuuf…
Finfinnee, Ebla 17, 2018 (FMC)- Tapha Pirimeer liigii Ingiliiz torbee 34ffaan Arseenaal dirree isaa irratti galgala sa’aatii 1:30 irratti Niwukaasil Yuunayitiid ni keessummeessa.
Baatiiwwan dheeraaf liigicha dursa kan ture kilabni Kaabaa Landan Arseenaal dursummaa isaa Maanchisteer Siitiif dabarseera.
Arseenaal dursummaa Maanchisteer Siitiin harka bahe deebifachuuf har’a falmii cimaa taasisa.
Taphicha dursee Fuulhaam dirree isaa irratti sa’aatii 8:30 Astoon viilaa waliin ni taphata.
Astoon viilaan hirmaannaa Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa argachuuf imala taasisu cimsuuf ni falmata.
Tapha biroon Liivarpuul dirree isaa irratti galgala sa’aatii 11:00 irratti Kiristaal Paalaas waliin ni taphata.
Hirmaannaa Shaampiyoonsi liigiif bakka argachuuf morkachaa kan jiru Liivarpuul injifannoof dirree ni seena.
Sa’aatii walfakkaataatti Woolviis Tootinhaam waliin, akkasumas Weesthaam Yuunayitiid Eevertan waliin ni taphatu.
#Oromia #Ethiopia