Fana: At a Speed of Life!

Ulaa Hormuuz…

Finfinnee, Ebla 20, 2018(FMC)- Ulaan Hormuuz (Strait of Hormuz) addunyaa irratti bakka siyaas-qubsumaa(geopolitics) fi dinagdee murteessaa ta’eedha.

Bakka kana “Ulaa murteessaa boba’aa addunyaa” jedhanii waamuun ni danda’ama.

Rakkoo walitti bu’iinsaa Baha Giddugaleessaatti uumame irraa kan ka’e boba’an biyyoota addunyaaf ulaa kanarraan darbu gam-tokkoon Iraaniin, gama biraan ammoo Loltoota Ameerikaan waan dhorkamaa jiruuf, gatii boba’aa irrattis ta’e haala dinagdee waligalaa biyyoota addunyaa irratti raraafama fideera.

Yeroo ammaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti mareen nageenyaa ni geggeeffama jedhamee wayita eegamaa jirutti, gareewwan lamaanuu ulicha irratti dhibbaa uumaa waan jiraniif, gatiin boba’aa caalmaatti ni dabalaan sodaatamaa jira.

Gareewwan lamaan rakkoo kana dafanii furuu caalaa quba walitti qabaa jiru.

Iraan, Ameerikaan jeequmsa galaana irraa narratti raawwachaa jirti jechuun akka himatte BBC’n gabaaseera.

Ameerikaan gama isheen, maqaa nageenya ulaa kanaan eegaatiin loltoota ishee galaana irraa naannoo sanatti bobbaasuun, Iraan ulaa kana akka hin cufneef dhiibbaawwan adda addaa geessisaa jirti.

Handhuura jeequmsa kanaati kan jedhamtu Isiraa’el ammoo tarkaanfilee “nageenya koof murteessaadha” jettuufi “ka’umsa dhiphina naannichaati” jedhamaa jiru hunda fudhachuurraa hin dhaabbanne.

Kun waliigalatti dhiphina Ulaa Harmuuz caalmaatti hammasseera.

Haa ta’u, Ulaan kun maaliif murteessaa ta’e? Amaloota bakkichaa muraasni kunooti:

1. Teessuma Lafaa
Ulaan Hormuuz galoo galaanaa Faarsi (Persian Gulf) fi galoo galaanaa Omaan (Gulf of Oman) walitti qabsiisa. Karaa kaabaatiin Iraan, karaa kibbaatiin immoo Emereetota Arabaa gamtoomaniin(UAE) fi Omaaniin (magaalaa Musandaam) daangeffama.

Ulaan kun baay’ee dhipphachuu irraa kana ka’e, dooniiwwan gurguddoon dhiphatanii akka keessa darban taasisa. Bali’inni isaas kiiloomeetira 33 qofa.

2. Murteessummaa Dinagdee
Ulaan kun ujummoo dhiigaa daldala boba’aa addunyaati jedhamee beekama.

Boba’aa addunyaarratti guyyaatti gurguramu keessaa %20 hanga %30 kan ta’u ulaa kanaan akka darbu ragaaleen ni mul’isu.

Gaasii-uumamamaa Qaataar addunyaaf dhiyeessitu keessaa harki caalaan karaa kanaan darba.

Boba’aan biyyoota akka Sa’ud Arabiyaa, Iraaq, Kuweet fi Emereetotaa Araba Gamtoomanii gara gabaa Eshiyaa (Chaayinaa, Jaappaan, Indiyaa) fi Awurooppaatti deemu ulaa kanaan qaxxaamura.

3. Waldhabdee Siyaasaa fi Nageenyaa
Ulaan Hormuuz yeroo baay’ee sababa waldhabdee Iraan fi Ameerikaatiin oduu ijoo ta’eera.

Iraan yeroo tokko tokko yoo qoqqobbiin dinagdee ykn weerarri waraanaa ishee irratti hammaatu, “Ulaa kana nan cufa” jechuun sodaachisti.

Ameerikaa fi michoonni ishee ammoo ” dooniiwwan daldalaa balaa irraa eegna” jechuun humna waraana galaana irraa naannoo sana qubsiisanii jiru.

Gama biraatiin, yeroo adda addaatti dooniiwwan boba’aa fe’an irratti waliindha’uun ykn sabotaajiin naannoo kanatti raawwatamu addunyaa irratti dhibbaa guddaa kan geessisuudha.

4. Maaliif Seeraan To’atama?
Akka seera galaanaa addunyaatti (UNCLOS), dooniiwwan biyya kamiyyuu “mirga darbiinsa nagaa” (transit passage) qabu. Haa ta’u malee, Iraan seera kana guutummaatti hin fudhattu, yeroo hunda to’annoo ishee jala akka jiru agarsiisuuf yaalti.

Gabaabaatti, Ulaan Hormuuz bakka xiqqoo ta’us, yoo cufame ykn rakkoon irra ga’e, gatiin boba’aa addunyaa ni qaala’a, dinagdeen addunyaas raafama guddaa keessa gala.

karaa kamiinuu haa ta’u, nageenya ulaa kanaa mirkaneessuun tasgabbii siyaas-dinagdee addunyaaf murteessaa dha.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.