Nageellee Arsii 0 – 0 Faasiil
Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 29ffaan har’a taphatameen Nageellee Arsiin Faasiil waliin qixa bahe.
Taphni sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taphatame galchii malee qixaan xumurameera.
Tapha biroo waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Istaadiyeemii Finfinneetti Hadiyyaa Hoosa’iinaa fi Maqalee 70 Indartaa gidduutti taphatame galchii tokko qixa xumurame.
#Oromia #Ethiopia