Kaadaastera mirga abbaa qabiyyummaa lafaa mirkaneessuu keessatti…
Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) – Godina Boorana Bahaatti sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhe Waajjirri Lafaa godinichaa.
Godinichatti abbootii warraa kuma 7 fi 850’f kaartaan abbaa qabiyyummaa lafaa dijitaalaa kennamuu Itti gaafatamaan Waajjira Lafa Godina Boorana Bahaa obbo Waaqoo Diidoon ibsaniiru.
Lafti qabeenya ummata ta’e dhalootaa dhalootatti kan darbu, akkasumas ragaadhaan beekamee kunuunfamuu qaba jedhan.
Kaadaasterri lafaa hojii kana keessatti iddoo olaanaa qabaachuu himanii, akka Godina Boorana Bahaattis hojii kanaaf xiyyeeffannoon guddaan kennamee hojjetamaa jiraachuu himan.
Bara kana Aanaa Liibanii fi Walaabuu Lixaa keessatti gandoota torba keessatti hojiin safarrii lafaa gaggeeffamee, abbootii warraa kuma 7 fi 850’f kaartaan lafaa dijitaalaa kennameera jedhan.
Akkasuma bulchiinsa lafaa ammayyeessuun diinagdee fi sirna cimaa ijaaruun murteessaa ta’uu ibsanii, kaartaan lafaa ammayyaa qonnaan bulaa fi fayyadamaa lafaa tajaajila liqaa akka argatan, diinagdee dabalataa akka uuman kan dandeessisu ta’uu eeran.
Kana malees, rakkoolee wal-dhabdee lafaa turan hiikuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu fi ragaa qabatamaa walqixxummaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.
Bulchaan Godina Boorana Bahaa Obbo Abdurazaak Husseen gamasaaniin, Kaadaastarri mirga abbaa qabiyyummaa lafaa mirkaneessuu bira darbee abbaan qabiyyee kaartaa isaa wabii godhatee jiruu fi jireenya isaa akka fooyyeeffatu gochuu keessatti iddoo olaanaa kan qabachuu dubbataniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia