Fana: At a Speed of Life!

Eevertan VS Maanchisteer Siitii…

Finfinnee, Ebla 26, 2018 (FMC) – Tapha Pirimeer liigii Ingilaandi torbee 35ffaan Maanchisteer Siitiin dirree isaan ala Eevartan waliin ni morkata.

Maanchiister Siitiin, tapha galgala kanaa dabalatee taphoota qixxeessituu lama kan of harka qabu garaagarummaa qabxii 6 Arsenaal waliin qabu dhiphisuuf dirree seena.

Eevertan gama isaan, hirmaannaa taphoota waltajjii Awurooppaa argachuuf morkiin taasisu ni eegama.

Taphichi halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee Istaadiyeemii haaraa Hiil Diikinsinitti taphatama.

Tapha biroon leenjisaa isaa gaggeessuun xumura waancaa (FA Cup) ga’uu isaa kan mirkaneeffate Cheelsiin, Istaamfoordi Biriijitti Nootiingihaam Fooreest ni keessummeessa.

Kilabni lixa Landan Cheelsiin qabxii 48’n sadarkaa 9ffaa irratti kan argamu yoo ta’u, taphoota waltajjii Awurooppaa argachuuf falmata.

Taphichi har’a waaree booda sa’aatii 11:00 irratti eegala.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.