Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan bara kana qamadii kuntaala miiliyoona 300 fi 30 ol oomishuun Afrikaa irraa sadarkaa 1ffaadha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan bara kana qamadii kuntaala miiliyoona 300 fi 30 ol oomishuun Afrikaa irraa sadarkaa 1ffaadha jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaatti misooma oomisha qamadii jallisii Bonee daawwataniiru.

Bu’aan damee qonnaan argamaa jiru baay’ee ajaa’ibsiisaa ta’uu wayita kana ibsaniiru.

Bu’aan argamaa jirus daran akka jabaannu, hojjennu, yaadotaafi wantoota haaraa akka uumnuuf humna kan nuuf ta’anidha jedhan.

Hanga weerarri kooronaa mudatetti misoomni qamadii jallisii bonee Itiyoophiyaa keessatti kan hin baratamne ta’uu yaadachiisanii, amantaa cimaa lafti hagabuu buluu hin qabu, kadhaa keessaa bahuu qabna akksumas lafa qotamuufi misoomuu danda’u qabna jennee gara hojiitti seenne jedhan.

Yeroo jalqabne amansiisuun ulfaataa ture; yeroo ammaa kana garuu sadarkaa dinqisiisaa irra gaheera jedhan.

Itiyoophiyaan waggoota jaha dura qamadii alarraa kan galchitu qofa osoo hin taane toora biyyoota oomisha gadi aanaa oomishanii keessatti kan ramadamtu ta’uus yaadachiisaniiru.

Qonna Gannaan lafti heektaarri miiliyoona 4.4 fi jallisii boneen lafti heektaarri miiliyoonni 3.8 waliigala lafti heektaarri miiliyoonni 8 ol qotamuun oomishni kuntaalli miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 31 akka argamu ibsaniiru.

Kunis oomisha olaanaa waan ta’eef Itiyoophiyaan qamadii oomishuun Afrikaa irraa sadarkaa 1ffaarra ishee kaa’a jedhan.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.