Fana: At a Speed of Life!

Haala addunyaan keessa jirtu keessa kan darbinu hojjechuu qofaani- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Haala addunyaan keessa jirtu keessa kan darbinu hojjechuu qofaani jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita Godina Shawaa Kaabaa aanaa Sulultaatti misooma qamadii bonee daawwatan, misoomni qamadii jallisii bonee oomisha olaanaa argamsiisuu, lammiilee seeftiineetiin deeggaramaa turan bilisa baasuufi galii guddisuu ibsaniiru.

Misoomni qamadii jallisii bonee guddina diinagdee biyyattii keessatti qooda olaanaa bahachaa akka jiru kaasanii, Kanaan dura haalaan oomishamuu waan hin dandeenyeef bu’aa gadi aanaa argamsiisaa akka ture yaadachiisan.

Yeroo ammaa garuu jijjiiramni jiru olaanaa ta’uufi qamadii kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 30 oomishuun salphaa akka hin taane hubachiisan.

Afrikaa irraa biyyi hanga kana oomishtu akka hin jirre eeruun, bu’aan argame osoo nun dagiin hojii keenya cimsinee yoo itti fufneefi teeknooloojiiwwan haalaan yoo itti fayyadamne yeroo gabaabaa keessatti qamadii kuntaala miiliyoona 500 ni oomishna jedhan.

Qonni akkuma dameewwan indaastirii, teeknooloojii, albuudaafi tuurizimii of danda’ee bu’aa jajjabeessaa fidaa jiraachuu eeraniiru.

Haala addunyaan keessa jirtu keessaa bahu kan dandeenyu yoo hojjenne qofaadha; yoo qonne, kan eegalle yoo xumurre ni ceena, hojiin ala daandiin ce’umsaa hin jiru jedhan.

Waqtii hunda haalaan fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisuun, qonnaan bultoonniifi ogeeyyiin qonnaa ganna dhufuuf qophii barbaachisaa gochuu akka qaban dhaamaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.