Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Diroonii Raashaa Irratti Raawwatameen Tajaajilli Wiirtuuwwan Xiyyaaraa 13 Addaan Cite

Finfinnee, Eebla 30, 2018 (FMC) – Haleellaa diroonii gamoo bulchiinsa balalii xiyyaaraa magaalaa Rostov-on-Don kan kibba Raashaatti argamu irratti raawwatameen, tajaajilli wiirtuuwwan xiyyaaraa 13 addaan citeera.

Haleellaa har’a raawwatame kanaan hojjettoota irratti miidhaan gahe akka hin jirre Ministeerri Geejjibaa biyyattii beeksiseera.

Tajaajila sababa haleellaa kanaan addaan cite deebisanii eegalsiisuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuunis ibsameera.

Haleellaan kun kan raawwatame, Raashaan injifannoo Waraana Addunyaa 2ffaan Naazii Jarman irratti goonfatte waggaa 81ffaa ishee kabajachaa wayita jirtuuti.

Raashiyaa fi Yuukreen ayyaana injifannoo bor kabajamu sababeeffachuun dhukaasa dhaabuu guyyoota lamaa labsanii akka turan ni yaadatama.

Haa ta’u malee, haleellaa diroonii gamoo bulchiinsa balalii Raashiyaa irratti raawwatame hordofee, biyyoonni lameen waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuu irratti wal-falmaa jiru.

Pireezdaantiin Yuukreen Voloodmiir Zeleniskii, Raashiyaan dhukaasa dhaabuu cabsuun haleellaa diroonii 840 raawwatteetti yoo jedhan; Ministeerri Ittisa Raashaa gama isaan Keev waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun haleellaa kuma 1 fi 300 ol raawwatteetti jechuun himateera.

Mikiyaas Ayyalaatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.