Hawaasni bishaan sirnaan hinhooggane, hiree isaa guutummaatti murteeffachuu hindanda’u – Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Ebla 30, 2018(FMC)- Hawaasni bishaan sirnaan hinhooggane, hiree isaa guutummaatti murteeffachuu hindanda’u jedhan pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.
Obbo Shimallis ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, baroota darban bishaan sirnaan ogganuun waan hinturreef bishaan faayidaa malee dhangala’aa turuu kaasan.
Har’a, hawaasa waliin ta’uun, kiyyoo seenaa kana cabsuun hojii ijaarsa sirnaa (system building) irratti argamna jedhan.
Guutuun ergaa isaanii kunooti.
𝐉𝐚𝐥𝐥𝐢𝐬𝐢𝐢𝐧 𝐎𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢: 𝐁𝐮𝐥𝐜𝐡𝐢𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐁𝐢𝐬𝐡𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟𝐢 𝐈𝐣𝐚𝐚𝐫𝐬𝐚 𝐁𝐢𝐫𝐦𝐚𝐝𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚
Hawaasni bishaan sirnaan hinhooggane, hiree isaa guutummaatti murteeffachuu hindanda’u.
Baroota dheeraaf bishaan garreen Baalee irraa maddu, jireenya hawaasa naannawa sanaa osoo hinmil’atiin lafa baldhaa qaxxaree bilaasha dhangala’eera. Sirni qabeenya umamaa kana gara badhaadhinaatti jijjiiru waan hinturreef, dilbiin madda jireenyaa ta’uu danda’u kun gammoojjii Dalloo Mannaa keessa tasa dambalaa’aa hafe. Rakkoon ummata keenya hanqina bishaanii qofa hinturre; hudhaa guddaan hoggansaafi caasaa bishaan jiru bulchee gara omishtummaatti jijjiiru dhabuu isaa ture.
Har’a, hawaasa keenya waliin ta’uun, kiyyoo seenaa kana cabsuun hojii ijaarsa sirnaa (system building) irratti argamna. 𝙋𝙞𝙧𝙤𝙤𝙟𝙚𝙠𝙩𝙞𝙞𝙣 𝙅𝙖𝙡𝙡𝙞𝙨𝙞𝙞 𝙒𝙖𝙡𝙢𝙖𝙡 Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti ijaarameen tokko jennee jalqabneerra.
Walmal piroojektii jallisii qofa miti. Utaalchoo hirkatummaa sirnakkoo umamaa (ecological dependency) irraa gara oomishtummaa karooraan qajeelfamutti, akkasumas rooba eeggachuu irraa gara bishaan hoogganuutti taasifnudha.
Walmal kuusaawwan bishaanii 30, lolaa bishaanii km 144’fi daandiiwwan qonnaa km 60 hammateera. Garuu piroojektoonni akka kanaa falaasama misoomaa duuba isaanii jirurraa adda bahanii, baldhina qaban qofaan madaalamuu hinqaban. Piroojektoonni kunniin sirna omishaa qindaa’aa bishaan, lafa, qoteefi horsiisee bultoota, gabaafi sochii walsimsiisanii ijaaramanidha.
Bu’uuraalee kanniin sirnaan qindeessuu keenyaan, hiika naannawichi ittiin beekamus libsuu ijaatiin jijjiiraa jira. Lafa barootaaf hongeefi abdi-maleessummaaf lakkuu ture, gara wiirtuu omishaafi carraa jireenyaatti jijjiiraa jirra. Hawaasa barootaaf kiyyoo to’annaa jijjiirama qilleensaa jala ture, har’a gara tasgabbii, hirmaatummaa gabaafi oomishtummaa dorgomaatti ceesisaa jirra.
Ammatti adeemsi ce’umsichaa ifatti muldhachuurratti argama.
Hojii amma raawwatameen lafa 𝙝𝙠𝙩. 𝙠𝙪𝙢𝙖 8.4 ol ta’u jallisii jala galchineerra.
• 𝙈𝙖𝙖𝙨𝙝𝙤𝙤𝙣 𝙝𝙠𝙩. 𝙠𝙪𝙢𝙖 5.4 ol irratti misoomee jira.
• 𝘽𝙤𝙦𝙦𝙤𝙤𝙡𝙡𝙤𝙤𝙣 𝙝𝙠𝙩.1,258 irratti misoomee jira.
• 𝙈𝙪𝙙𝙪𝙧𝙖𝙖𝙡𝙚𝙚 garagaraa 𝙝𝙠𝙩. 1,100 uwwisu.
• 𝙆𝙪𝙙𝙪𝙧𝙖𝙖𝙡𝙚𝙚𝙣 garagaraa 𝙝𝙠𝙩. 679.5 irra qubataniiru.
Dimshaashumatti, 𝙦𝙤𝙣𝙣𝙖𝙖𝙣 𝙗𝙪𝙡𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙠𝙪𝙢𝙖 12 ol fayyadamaa taasisuu dandeenyeerra. Jijjiiramni kun omishaalee argaman qofaan kan madaalamu miti. Faayyadamummaan fulla’iinsa qabu, sirna omishaa haaraa diriiraa jiruun kan mirkanaa’u ta’a. Hawaasni keenya gamanumaa omishaalee gabaa, gatii olaanaa baasan omishuu irratti waan baba’aa jiruuf damdamannaafi damdaneessuummaan dinagdee baadiyyaa guddachaa jiru.
𝙂𝙞𝙙𝙙𝙪𝙜𝙖𝙡𝙡𝙞 𝙘𝙚’𝙪𝙢𝙨𝙖 𝙠𝙖𝙣𝙖𝙖 𝙉𝙖𝙢𝙖. Qonnaan bulaan barootaaf rooba eeggachaa ture, har’a omisha isaa ofitti amanamummaan karoorsuu jalqabeera. Dargaggoonni keenya godaansa akka hireetti ilaalaa turan, har’a sirna omishaa qe’ee isaaniitti umameen humna hiyyummaa itti injifatan argataniiru. Hawaasni horsiisee bulaafi gartokkeen horsiisee bulaa barootaaf saaxilamaa ture, suuta suutaan gara dinagdee baadiyyaa damdanuufi tasgabbaa’aatti ce’aa jira.
Eebbi Piroojektii Walmal Looreeta Nagaa Addunyaa, Muummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimadiin (PhD) taasifame, xumura hojii tokkoo qofa osoo hintaane, jalqaba koridorii misoomaa baldhaati. 𝙋𝙞𝙧𝙤𝙤𝙟𝙚𝙠𝙩𝙞𝙞𝙣 𝙃𝙞𝙙𝙝𝙖𝙖𝙛𝙞 𝙈𝙞𝙨𝙤𝙤𝙢𝙖 𝙅𝙖𝙡𝙡𝙞𝙨𝙞𝙞 𝘾𝙖𝙡𝙘𝙖𝙡, guyyuma sana jalqabsiisan aanaalee gartokkeen horsiisee bulaa Raayituufi Gindhiir roga maraan kan jijjiirudha.
Galmi keenya piroojektoota dhuunfaa bira kan darbeedha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, kuusa bishaanii sadarkaa maatiitti babaldhisuu, iskiimota jiran suphuufi kunuunsuu, akkasumas iddoowwan rakkoon bishaanii hamaan jiru keessatti giddu-seentummaa tarsiima’aa taasisuu cimsee ittifufa.
𝘽𝙖𝙙𝙝𝙖𝙖𝙙𝙝𝙞𝙣𝙣𝙞 𝙝𝙖𝙖𝙡𝙖 𝙢𝙞𝙟𝙖𝙩𝙖𝙖 𝙚𝙚𝙜𝙪𝙪𝙣 𝙝𝙞𝙣𝙢𝙞𝙧𝙠𝙖𝙣𝙖𝙖’𝙪; 𝙗𝙪’𝙖𝙖 𝙙𝙖𝙣𝙙𝙚𝙚𝙩𝙩𝙞𝙞 𝙦𝙖𝙗𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 𝙤𝙛𝙞𝙞 𝙦𝙞𝙣𝙙𝙚𝙚𝙨𝙨𝙪𝙪, 𝙝𝙪𝙢𝙣𝙖 𝙬𝙖𝙡𝙤𝙤𝙩𝙞𝙞𝙣 𝙨𝙤𝙘𝙝𝙤’𝙪𝙪𝙛𝙞 𝙦𝙖𝙗𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 𝙟𝙞𝙧𝙪 𝙜𝙖𝙧𝙖 𝙤𝙢𝙞𝙨𝙝𝙖𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙟𝙞𝙟𝙟𝙞𝙞𝙧𝙪𝙪𝙩𝙞. Armaan booda, hireen ummata keenyaa eeggattummaa humna isaan alaa jiruun hinmurtaa’u; bishaan dabalatee qabeenya keenya to’achuufi qaama sirna omishaa taasisuu qofaan kan mirkanaa’u ta’a.