Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Magaalichaa Muudama Adda Addaa Raggaasise

Finfinnee, Eebla 30, 2018 (FMC) – Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 5ffaa isaatiin muudamoota Kantiibaa Adaanech Abeebeen dhiyaatan raggaasiseera.

Haaluma kanaan:

1. Obbo Miiliyoon Maatiwoos– Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti, Hoogganaa Biiroo Hojii fi Teeknikaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee,

2. Obbo Assaggidaw Haayila-Giyoorgis – Hoogganaa Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee,

3. Obbo Solomoon Dibaabaa– Hoji-raawwachiisaa Ol-aanaa Addisi Miidiyaa Neetworkii (AMN) ta’uun muudamaniiru.

Dabalataan, Manni Marichaa bara baajataa 2018f baajata dabalataa birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona 900 fi miliyoona 40 raggaasiseera.

Baajata kana keessaa biiliyoonni 8.5 deeggarsa mindaa hojjettoota bulchiinsa magaalichaatiif mootummaa federaalaatiin kan kenname yoo ta’u,
miiliyoonni 900 fi miliyoonni 96 immoo hojiiwwan misoomaa magaalichatiif kan oolu ta’uun eerameera.

Manni Maree Magaalichaa yaa’ii har’a gaggeesse kanaan walumaagala baajata dabalataa biiliyoona 9.94 sagalee guutuun raggaasiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.