Ajajni Kaaba Lixaa gahumsa haleellaa kamiinuu qolachuu isa dandeessisu irratti argama- Jeneraal Ababaaw Taaddasaa
Finfinnee, Ebla 29, 2018 (FMC)- Ajajni Kaaba Lixaa gahumsa haleellaa kamiinuu qolachuu isa dandeessisu irratti argama jedhan Itti aanaan Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Jeneraal Ababaaw Taaddasaa.
Jeneraal Ababaaw Taaddasaan naanawaa ergama Ajajichaatti argamuun akka jedhanitti, Ajajichi sadarkaa qophaa’ummaa haleellaa diinota irraas ta’e baandaawwan irraa aggaamamu qolachuu irratti argama.
Kana malees ajaja amansiisaa dirqama isaa gootummaa olaanaan bahachaa jiru ta’uu kaasuun, weerara biyya diiguu ABUT qolachuu fi biyya cimsuu keessattis qooda olaanaa bahachuu ibsaniiru.
Baandaa biyya keessaafi garee finxaalessaa naannoo Amaaraa keessatti walitti bu’iinsaafi jeequmsa uumuuf socho’u irratti tarkaanfii cimaa fudhachuun hojii firri itti booneefi diinni itti yeella’e hojjechuus eeraniiru.
Gaachana yeroo maraa Itiyoophiyaa kan ta’e Raayyaan Ittisaa RDFI imala guddinaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf akkasumas nageenyaa uummataa eegsisuuf itti gaafatamummaa isaa bahachaa jira jedhan.
Ajajaa Olaanaan Ajaja Kaaba Lixaa Leetenaal Jeneraal Birhaanuu Baqqalaa gama isaaniin, ajajichi dirqama isatti kenname fudhachuun cichoominaan bahachuu dubbatan.
Dirqamaafi ergama itti aanuufis yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu ibsuusaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliiif ibseera.
#Oromia #Ethiopia