Fana: At a Speed of Life!

Hojiin misooma Koriidarii magaalaa Finfinneetti hojjetame raajidha – Eeliviis Miishiilaa

Finfinnee, Ebla 30, 2018 (FMC) – Rogeessi beekamaan Miidiyaa hawaasaa Keeniyaa Eeliviis Miishiilaan hojiilee misooma Koriidarii magaalaa Finfinnee dinqisiifateera.

Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa,”Pulse of Africa” fi AGA Tek Intarpiraayiziin qindaa’e magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon yaa’ichaas Dhiibbaa uumtoota itti gaafatamummaa beekan jajjabeessuu, Dinagdee dijitaalaa ardittii cimsuu, Walta’iinsa uumuu fi galma Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa milkeessuu, Afrikaan seenessa ishee ofiin akka ijaartu, ilaalcha ardittii irratti qabamu guddisuu fi eenyummaa Afrikaa uumuudha.

Rogeessi keeniyaa yaa’icharratti hirmaachaa jiru Eeliviis Miishiilaan biyyoonni Afrikaa biroo hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee kanarraa barachuu qabu jedhe.

Finfinneen miidhagduu fi hawwattuu ta’uu eeruun, hojii biyyoota biroof fakkeenya ta’uu qabuudha jechuun dinqisiifateera.

Biyyoonni Afrikaa hariiroo isaanii cimsuun qindoominaan hojjechuu akka qaban ergaa dabarse.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.