Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan dhimma Taayiwaanirratti Ameerikaan walitti bu’uu dandeessi – Pireezidaanti Shii Jiinpiing

Finfinnee, Caamsaa 6, 2018(FMC) – Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing Chaayinaan dhimma Taayiwaanirratti Ameerikaan waliin walitti bu’iinsa keessa galuu dandeessi jedhan.

Mariin waloo Pireezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraampii fi gita isaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing gidduutti sa’aatii lamaaf gaggeeffamaa ture xumurame.

Pireezidaantoonni lameen dhimma Taayiwaanirratti bal’inaan mari’ataniiru.

Dhimmi Taayiwaan sirnaan yoo hin qabamne Ameerikaa fi Chaayinaa walitti buusuu mala jechuun akeekkachisaan Pireezidaanti Shii Jiinpiing.

Ameerikaan Taayiwaaniif meeshaalee waraanaa dhiyeessuu akka dhaabdu gaafatan.

Taayiwaan Chaayinaa irraa adda baasuuf yaaluun rakkoo hamaa akka fidu hubachiisan.

Taayiwaan gama isheen ejjennoon Beenjing kun nageenya naannawichaaf balaa ta’uu ibsite.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi dhimma Taayiwaanirratti yaada kennuurra of qusataniiru.

Qaamoleen lamaan dhimmoota waraana Giddugaleessa Bahaa, Raashiyaa – Yuukreenii fi dachee Kooriyaarrati marii gaggeessaniiru.

Hariiroon Beejingii fi Waashiingitan boqonnaa haaraarratti kan argamu ta’uu kan eeran Pireezidaanti Shii Jiinpiing, hariiroon tarsiimawaa biyyoota lamaanii cimaa jiraachuu kaasan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo, Ministirri Ittisaa Piit Hegseet, Bakka Bu’aan Daldalaa Ameerikaa Jemisan Giriir, Ministirri Maallaqaa Iskoot Beseentii fi Angawoota Chaayinaa marichatti hirmaachuu BBCn miidiyaa Chaayinaa CCTV wabeeffachuun gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.