Fana: At a Speed of Life!

Odeeffannoowwan sirrii Inistiityuutichaan kennaman balaawwan mudachuu malan dandamachuuf dandeessiseera – Dooktar Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Caamsaa 7, 2018(FMC) – Odeeffannoowwan sirrii haala qilleensaa Inistiityuutii Raaga Haala Qilleensaan Itiyoophiyaa kennaman balaawwan mudachuu malan dandamachuuf dandeessiseera jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaan.

‎Waltajjiin gamaaggama raaga haala qilleensaa waqtii Arfaasaa fi ganna dhufuu gaggeeffamaa jira.

Dhugummaan raaga duraa Inistiityuutii Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa % 90 gahuu ibsan Dooktar Habtaamuun waltajjicharratti argamuun yaada kennaniin.

Kunis balaawwan mudachuu malan dandamachuuf dandeessisuu eeran.

Dandeettiin raawwii fi qulqullina ragaa Inistiityuutichaa guddachuu kaasan.

Tilmaamni raaga haala qilleensaa waqtii Arfaasaa keessa kennamee fi haalli qilleensaa ture kan walsime ta’uu Daayrekterri Olaanaan Inistiityuutichaa Faxxanaa Tashoomaan himaniiru.

Giddugalawwan kutaalee biyyattii keessa jiran cimsuu fi teeknooloojii ammayyaa hidhachuun ragaa sirrii fi amanamaa qaama dhimmi ilaallatuuf qaqqabsiisuun danda’ameera jedhan.

Qiddisti Abaatatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.