Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffiin nageenyaafi tasgabbii Itiyoophiyaa mirkaneessuu boqonnaa haaraarra gaheera- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2019(FMC)- Tattaaffiin gama maraa nageenyaafi tasgabbii Itiyoophiyaa mirkaneessuu boqonnaa haaraarra gaheera jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, bu’uura waliigaltee Kanaan dura mootummaa Raashiyaa waliin taasifneen guyyaa har’aa jeettiiwwan waraanaa dhaloota 4ffaa SU-35 kudha lama jalqabaa fudhanneerra jedhan.
 
Nageenyaafi tasgabbii biyya keenyaa waaraan mirkaneessuuf tattaaffiin gama maraa taasifnu boqonnaa haaraarra gaheera jechuunis ibsaniiru.
 
Qophaa’ummaa Itiyoophiyaan humna raayyaa ittisaan taasisaa jirtu dandeettii haleellaa dursee qolachuu dandeessisu ishee gonfachiisaa akka jiru ibsaniiru.
 
Bu’uura waliigaltee Kanaan dura mootummaa Raashiyaa waliin waliif galameen guyyaa har’aa jeettiiwwan waraanaa dhaloota 4ffaa( SU-35 4++ Generation) 12 fudhanneerra jechuun eeraniiru.
 
Dabalataanis baatiriiwwan sirna ittisa qilleensaa S-400, afur fudhachuu ibsaniiru.
 
Pireezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin yeroo waliigalticha keessatti qabame waggaa tokko dursee xiyyaarota waraanaa kanneen akka fudhannuuf kutannoo agarsiisaniif nan galateeffadha jedhaniiru.
 
Itiyoophiyaan jeettiiwwan waraanaa kanneen hidhachuun biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii keessaa kan jalqabaa ta’uus eeraniiru.
 
Milkaa’inni seena qabeessi kun birmadummaa biyyattii caalmaatti kan cimsuu fi gara fuulduraattis nageenya waloofi tasgabbii naannawaa mirkaneessuuf imala taasifnu onnee guutuun akka itti fufnuuf dandeettii guddaa nuuf ta’a jedhan.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.