Warshaan xaa’oo Goodee yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu yoo ta’u, rakkoolee ijoo Itiyoophiyaa keessaa tokko kan hiiku ta’a – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 9, 2018 (FMC)–Warshaan xaa’oo Goodee yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu yoo ta’u, rakkoolee ijoo Itiyoophiyaa keessaa tokko kan hiiku ta’a jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad Aliikoo Daangootee waliin ta’uun haala adeemsa Ijaarsa Warshaa xaa’oo Goodee daawwataniiru.
Warshaan kun waggaan xaa’oo Yuuriyaa Meetirik Toonii miiliyoona 3 oomishuu danda’a.
Ijaarsa Warshaa kana baatiwwan 40 keessatti xumuruuf ummataaf waadaa gallee turre jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Xaa’oo fi boba’aan addunyaarratti daran barbaadamaa dhufuu hordofee yeroo jedhamee asitti xumuruuf Daangootee waliin mari’achaa turuu ibsan.
Kanaanis baatiwwan 40 dura ijaarsa xumuruun oomisha gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuuf waliigalleerra jedhan.
Hojiin kun saffisaan kan xumuramu ta’uu fi baatiiwwan 4 booda kan deebinu ta’a jechuun eeran. Yeroo deebinu ijaarsi mana jireenyaa namoota kuma 5 naannoo sana jiraataniif ta’u ni xumurama.
Ijaarsi Warshaa xaa’oo kun yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu yoo ta’u, rakkoolee ijoo Itiyoophiyaa keessaa tokko kan hiiku ta’a jedhan.
Nyaataan of danda’uun ajaandaa ijoodha kan jedhan Dooktar Abiy, nyaataan of danda’uuf lafti, bishaanii fi namni barbaachisaa ta’uu ibsan.
Birhaanu Abarraatiin