Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa tarkaanfiiwwan waliigaltee biyyaalessaa cimsan fudhachuun fuulduratti tarkaanfachaa jira- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa tarkaanfiiwwan waliigaltee biyyaalessaa cimsan fudhachuun fuulduratti tarkaanfachaa jira jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.

Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti sagantaan duula Nafilaladhaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffameera.

Obbo Awwaluu Abdiin ergaa duula nafiladhaa kanarratti dabarsaniin, Paartiin Badhaadhinaa barii hundeeffama isaa irraa eegalee tarkaanfiiwwan siyaasaa fudhatamummaa biyyaa guddisan fi waliigaltee biyyaalessaa cimsan fudhachuun fuulduratti tarkaafaachaa jiraachuu ibsan.

Hariiroo Ummattootaa jabeessuun murtoowwan jajjaboo diinagdee biyyattii guddisan hojiirra oolchaa akka jirus eeraniiru.

Paartiin Badhaadhinaa Paartii dhalootaa haaraa Arsaa Ummataan dhalate ta’uus dubbataniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa gama isaaniin, Paartiin Badhaadhinaa waadaa Ummataaf gale dhugoomsaa waggoota saddeettan darban milkiin tarkaanfataa har’a gahuu ibsuusaanii Waajjirri Kominikeeshinii Godinichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.