Fana: At a Speed of Life!

Wixinee ajandaa marii biyyaalessaa qooda fudhattootaaf dhiyeessuu fi qeeqsisuun maaliif barbaachise?

Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaarraa ajandaa walitti qabaa turuun ni yaadatama.
Komishinichi, adeemsa kana keessatti, lammiileen Itiyoophiyaa, dhimmoota biyyaalessaa irratti walii hin galamne bu’uura ta’an ajandaa isaanii akka dhiyeeffatanii fi mari’atan waltajjii uumuun isaa ni yaadatama.
Yeroo ammaas ajandaa walitti qabame cimsuu fi bocee xumuruun waliigaltee biyyaalessaa barbaada kan jedhe qopheesseera.
Wixinee ajandaa yaa’ii maree biyyaalessaaf ni madaala jedhee boce qooda fudhattootaaf dhiyeessuun galtee walitti qabuurratti argama.
Adeemsi kun maree biyyaalessaa, akkasuma ajandaa bocuuf qooda olaanaa akka qabaatu ni amanama.
👉Sirrummaa yaada ajandaa mirkaneessuutiin:-
Qooda fudhattoonni dhimmoota ajandaa irratti akka hammatamuuf dhiyeeffatan hedduu ta’uu hordofee, yaadni dhiyeeffatan sadarkaa irra jiru beekuuf fedhii guddaa qabaachuun isaanii beekamaadha.
Komishinichi ajandaan qooda fudhattootarraa bifa adaraan fudhate wayita bocamu kaayyoo barbaadameef akka qophaa’u qooda fudhattoota kanneen waliin mirkaneessuun adeemsa marichaaf qooda olaanaa qabaata.
👉Gama abbummaa adeemsichaa guddisuutiin:- Wixinee ajandaa maree biyyaalessaa qooda fudhattoota garaagaraaf dhiyeessuun qeeqsisuu fi adeemsichi qaamolee kanneenirraa mirkaneeffannaa argachuun, miira abbummaa qooda fudhattoonni adeemsa kana irratti qaban cimsa.
👉Gama Iftoomina guddisuutiin:- Adeemsa marii biyyaalessaa keessatti ajandaa irratti mari’atamuun qooda fudhattoonni dursanii akka beekan gochuu fi sirrii ta’uu isaa beekamtii isaanii qabaachuun adeemsichi iftoominaa fi amanamaa akka ta’uuf gargaara.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.