Wixinee ajandaa marii biyyaalessaa qooda fudhattootaaf dhiyeessuu fi qeeqsisuun maaliif barbaachise?
Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaarraa ajandaa walitti qabaa turuun ni yaadatama.
Komishinichi, adeemsa kana keessatti, lammiileen Itiyoophiyaa, dhimmoota biyyaalessaa irratti walii hin galamne bu’uura ta’an ajandaa isaanii akka dhiyeeffatanii fi mari’atan waltajjii uumuun isaa ni yaadatama.
Yeroo ammaas ajandaa walitti qabame cimsuu fi bocee xumuruun waliigaltee biyyaalessaa barbaada kan jedhe qopheesseera.
Wixinee ajandaa yaa’ii maree biyyaalessaaf ni madaala jedhee boce qooda fudhattootaaf dhiyeessuun galtee walitti qabuurratti argama.
Adeemsi kun maree biyyaalessaa, akkasuma ajandaa bocuuf qooda olaanaa akka qabaatu ni amanama.
Qooda fudhattoonni dhimmoota ajandaa irratti akka hammatamuuf dhiyeeffatan hedduu ta’uu hordofee, yaadni dhiyeeffatan sadarkaa irra jiru beekuuf fedhii guddaa qabaachuun isaanii beekamaadha.
Komishinichi ajandaan qooda fudhattootarraa bifa adaraan fudhate wayita bocamu kaayyoo barbaadameef akka qophaa’u qooda fudhattoota kanneen waliin mirkaneessuun adeemsa marichaaf qooda olaanaa qabaata.