Humnoonni naannawichaa kana booda gaachana buufataalee loltummaa Ameerikaa ta’uu hin danda’an- Iraan
Finfinnee, Caamsaa 18, 2018(FMC)- Hogganaa Olaanaan Iraan Moojitaabaa Kaameeniin humnoonni naannawichaa kana booda haleellaa Iraan buufataalee waraanaa Ameerikaa irratti raawwattu ittisuu hin danda’an jedhan.
Humnoonni Ameerikaa, buufataaleen waraanaa fi fedhiiwwan Baha Giddugaleessaa ishee Kanaan booda haleellaa Iraan irraa kan hin baraaramne ta’uu akeekkachiisaniiru.
Hogganaa Olaanaan biyyattii wayita waraana biyyoottan lameen gidduutti baatiiwwan sadiif gaggeeffame dhaabsisuuf mariin gaggeeffamaa jirutti ibsa kana baasuun dhagahameera.
Ibsi kun Moojitaabaa Khaameeniin erga gara aangootti dhufanii ibsa jabaa kennan keessaa tokko ta’uu Aljeezraan gabaaseera.
Ameerikaan buufataalee miisaa’elaa Iraan naannawaa Kibba Iraanitti argaman fi dooniiwwan fanjii awwaalaa turan jette irratti haleellaa qilleensarraa raawwatteetti.
Haleellaan kuniifi akeekkachiisni Moojitaabaa Kaameenii marii biyyoota lameen gidduutti gaggeeffamaa jiru irratti dhiibbaa uumuu akka malu sodaatameera.
Birhaanuu Abarraan.