Fana: At a Speed of Life!

Waancaan Addunyaa 23ffaan har’a eegala

Finfinnee,Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Waancaan Addunyaa 23ffaan qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon gaggeeffamu har’a halkan sa’aatii 4:00 jalqabee taphatama.

Waancaa yeroo jalqabaaf biyyoonni 3 waloon qopheessan kanarratti biyyoonni 48 ramaddii 12 jalatti ramadamuun guyyoota 39’f waliin falmatu.

Taphattoonni kumni 1 fi 248 tapha kanarratti hirmaachuuf filatamaniiru.

Taphattoonni 176 taphattoota Piriimeer Liigii Ingilaandi keessa taphataa jiran yoo ta’u, Buundasliigaan Jarman taphattoota 101 filachiisuun sadarkaa 2ffaa, akkasuma Laaligaan Ispeen 81 fi Liigiin Faransaay taphattoota 79 filachiisuun 3ffa fi 4ffarratti argamu.

Sadarkaa kilabaatti ammoo Maanchiister Siitiin taphattoota 19 filachiisuun adda duree yoo ta’u, Baayerni Muunik taphattoota 18 hirmaachisuun sadarkaa 2ffaadha.

PSG fi Arsenaal taphattoota 16 qixa filachiisuun sadarkaa itti aanu qabataniiru.

Waancaan Addunyaa bara 1930 kan eegale yoo ta’u,hanga ammaatti biyyoonni 8 waancaa addunyaa kana injifataniiru.

Biraaziil waancicha yeroo 5 injifachuun hunda dursiti.

Jarmanii fi Xaaliyaaniin yeroo 4 Shaampiyoonaa ta’uun Biraazilitti aanu.

Taphoota Waancaa Addunyaa bara 2026 guutummaatti haqa-qabeessaa fi dogoggora irraa bilisa gochuuf, kubbaan teeknoolojii ammayyaa guutummaatti humna baatriitiin hojjatu dhimma irra ni oola jedhame.

Deeggartoonni biyya kamiiyyuu meeshaalee Pilaastikaa qabatanii akka hin seenne Waldaan Federeeshinii kubbaa Miilaa Idil Addunyaa dhorkeera.

Namoonni baay’een dorgommiin kun Waancaa Addunyaa osoo hin taane, tapha sanyummaa fi siyaasaan masakame jechuun dhiibbaa fi gidduu-seentummaa mootummaa Ameerikaa qeeqaa jiru.

Waancaa biyyoonni 3 Istaadyeemiiwwan magaaalota 16 keessatti argamanitti qopheessan kanaan taphoonni 104 ni taphatamu.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.